Waldaan aksiyoona geejjiba baaburaa Itiyoo-Jibutii fi lojistiiksiin geejjiba galaanaa Itiyoophiyaa waliin hojjechuuf waliigalan - ENA Afaan Oromoo
Waldaan aksiyoona geejjiba baaburaa Itiyoo-Jibutii fi lojistiiksiin geejjiba galaanaa Itiyoophiyaa waliin hojjechuuf waliigalan
Caamsaa 26/2016(TOI)- Waldaan aksiyoona geejjiba baaburaa Itiyoo-Jibutii lojistiiksii geejjiba galaanaa Itiyoophiyaa waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessan.
Hojii raawwachiisaan olaanaa aksiyoona geejjiba baaburaa Itiyoo-Jibutii doktar Abdii Zannabee fi hojii raawwachiisaan olaanaa loojistiksii geejjiba galaanaa Itiyoophiyaa doktar Bariisoo Amaloo waliigalticha mallatteessaniiru.
Waliigaltichi dhaabbileen lamaan dhimmoota biyyaarratti tumsaan akka hojjetan isaan taasisa jedhameera.
Hojii raawwachiisaan olaanaa loojistiksii geejjiba galaanaa Itiyoophiyaa doktar Bariisoo Amaloo wayita kana akka ibsanitti, waliigaltichi waliin hojjechuun dinagdee biyyatti deeggaruuf nidandeessisa.
Rakkoolee fe’isarratti quunnaman dabalatee gaaffii maamiltootaa kanneen biroo egereef hiikuu fi fayyadamtootaaf tajaajila si’ataa kennuuf akka dandeessisus ibsaniiru.
Waliigaltichi dandeettiiwwan waloo jiran walitti fiduun faayidaarra oolchuuf kan gargaaru akka ta’e dubbataniiru.
Hojii raawwachiisaan olaanaa aksiyoona geejjiba baaburaa Itiyoo-Jibutii doktar Abdii Zannabee gamasaaniin waliigaltichi hojmaata qindaa’aa cimsuun damee loojistiiksii guddisuuf akka gargaaru ibsaniiru.