Ijaarsa manneen jereenyaa mootummaa fi tumsa dhuunfaatiin hojjetamaniin dureeyyiin biyya keessaa fi biyya alaa hirmaannaasaanii cimsuu qabu - ENA Afaan Oromoo
Ijaarsa manneen jereenyaa mootummaa fi tumsa dhuunfaatiin hojjetamaniin dureeyyiin biyya keessaa fi biyya alaa hirmaannaasaanii cimsuu qabu
Caamsaa 24/2016(TOI)- Sagantaa ijaarsa manneen jereenyaa mootummaa fi tumsa dhuunfaatiin hojjetamaniin dureeyyiin biyya keessaa fi biyya alaa hirmaannaasaanii akka cimsan ministirri magaalaa fi misooma bu’uraa Caaltuu Saanii waamicha dhiheessan.
Giift Rii Isteet mandara sadaffaa ijaarsise har’a eebbisiise
Ministirri magaalaa fi bu’ura misoomaa adde Caaltuu Saanii, ittaanaan kantiibaa fi hoogganaan biiroo hojii, intarpiraayizii fi misooma industirii magaalaa Finfinnee Jaanxiraar Abbaay, hooggantoonni Giift Riil Isteetii fi keessummoonni biroon sirna eebbaarratti argamaniiru.
Ministirri magaalaa fi bu’ura misoomaa adde Caaltuu Saanii akka ibsanitti, guddinni magaalotaa guddina hatattamaa agarsiisaa jira.
Kanaafis imaammanni mootummaa gumaacha taasisaa akka jiru eeruun adeemsi kun misooma magaalaa guddina kana yaada keessa galcheen gaggeeffamaa akka jiru ibsaniiru.
Itiyoophiyaatti filmaatota guddinaa addaddaa fayyadamuun hojiin bu’ura misoomaa fi misooma manaa guddina magaalaa madaalu hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.
Milkaa’ina misooma kanaaf tumsi mootummaa fi dhuunfaa gumaacha taasisaa akka jiru eeruun kanneen keessaa Giift Riil Isteet tokko ta’uu beeksisaniiru.
Giift Riil Isteet kana dura mandaroota lama ijaaree dabarsuusaa yaadachiisuun fuulduras hojiiwwan rakkoolee manneen jireenyaa furuuf tumsa mootummaa fi dhuunfaatiin hojjetaman cimanii ittifufu jedhaniiru.
Mootummaan deeggarsa kaampaaniiwwan biyya keessaa fi alaa inaarsa manneen jireenyaa hojjetaniif taasisu cimsee akka ittifufu ibsanii, dureeyyiin biros hojii kanarratti akka hirmaatan waamicha taasisaniiru.
Qaala’insi gatii galteewwan ijaarsaa dame kana qoraa waan jiruuf rakkoo kana keessa darbuuf oomisha biyya keessaa guddisuu fi teeknooloojii ammayyaa fayyadamuun hojjechuun akka barbaachisu himaniiru.