Naannoon Oromiyaa qormaata kutaa 6 fi 8 sadarkaa naannootti kennamuuf qophii xumuruusaa ibse

Caamsaa 23/2016(TOI)- Naannoon Oromiyaa qormaata kutaa 6 fi 8 sadarkaa naannootti kennamuuf qophii xumuruusaa hoogganaan biiroo naannichaa doktar Tolaa Bariisoo ibsan.

Naannichatti barattoonni kutaa 6ffaa, 8ffaa fi 12ffaa miiliyoona 1 tuqaa 6 ta’an qormaata sadarkaa naannoo fi biyyaalessaa akka fudhatan ibsameera.

Qormaatilee kutaa 6ffaa fi 8ffa sadarkaa naannootti kennamu ilaalchisee qophii taasifamerratti hoogganaan biiroo barnootaa doktar Tolaa Bariisoo ibsa kennaniiru.

Akka ibsasaaniitti barattoonni kutaa 6ffaa kuma 700 caalan akkasumas barattoonni kutaa 8ffaa kuma 600 caalan qormaata nifudhatu.

Qormaanni kutaa 6ffaa sadarkaa naannoo barana jalqabaaf kan kennamu waan ta’eef qophiileen haalduree addaddaa taasifamuusaa dubbataniiru.

Caamsaa 29 fi 30 bara 2o16 qormaanni kutaa 6ffaa akkasumas Waxabajjii 4 fi 5 bara 2016 qormaanni kutaa 8ffaa kan kennamu ta’uu ibsaniiru.

በAmma ammaatti waraqaan qormaataa buufataalee qormaataa godinaa fi aanaa qaqqabuu dubbataniiru.

Barattoonni qormaataaf akka qophaa’an hojjetamuus ibsaniiru.

Barattoonni qormaata Moodelaa fudhachuusaanii ibsanii, qophii taasifamerraa ka’uun qabxiin gaariin akka eegamu dubbataniiru.

Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa qoramuuf  naannichatti barattoonni kuma 200 caalan qophaa’uusaanii ibsaniiru.

Keessumaa barana qormaata karaa onlaayinii kennuuf yaalii taasifameen manneen barnootaa magaalaawwan tokko tokko keessatti argaman 40’f barattoota shaakalsiisuun hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Kompiitarri gahaan bakka hinjirretti qormaanni karaa barame akka kennamu eeraniiru.

Qormaatichi akka milkaa’u hawaasni barnootaa yaaliisaa akka cimsu akkasumas qaamoleen nageenyaa bakkeewwan qormaanni itti kennamutti  nageenya akka mirkaneessan hoogganaan biiroo kun gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015