Mariin Biyyoolessaa Itoophiyaa nageenya waaraa fi mootummaa biyyaaleessaa cimaa ijaaruuf carraa addaa fi seena qabeessa kan uumudha

Caamsaa 22/2016 (TOI) - Mariin Biyyoolessaa Itoophiyaa nageenya waaraa fi ijaarsa mootummaa biyyaaleessaa cimaaf carraa guddaa fi seena qabeessa ta'e fidee kan dhufaa jirudha jedhan bakka buutonni hawaasa daldalaa yaada ajandaa walitti qabuu Finfinneetti geggeeffama jiru irratti hirmacha jira.

Komishiniin Marii Biyyoolessaa bulchiinsa magaalaa Finfinneetti kaleessa yaada ajandaa marii walitti qabuu geggeesuu eegaluun isaa ni yaadata.

Adeemsa kana keessatti sadarkaa magaalaa Finfinneetti qooda fudhattoonni ajandaa isaanii qopheessanii fi hirmaattoota yaa’ii biyyaalessaa keessatti bakka bu'an filatu.

Marii ajandaa walitti qabuu kanarratti aanaalee magaalichaa hundaarraa bakka bu'oonni hawaasa bakka bu'an, bakka bu'oonni dhaabbilee miti mootummaa, bakka bu’oonni paartilee siyaasaa, bakka bu’oonni dhaabbilee qaamolee mootummaa sadeen irraa walitti dhufanii fi namoonni dhiibbaa uumtota ta'an hirmachaa jiru.

Adeemsa marii kana keessatti bakka bu’oota hawaasa daldalaa hirmachaa jiran keessaa TOI kan dubbise Aadde Maartaa Hundee fi Obbo Girmaa Mulaat; Dhimmi marii kanaa nagaa waaraa fiduu fi itti funsa biyyaaf bu'uura cimaa kan kaa'udha jedhaniiru.

Mariin Biyyaalessaa nagaa waaraa fi mootummaa cimaa ijaaruuf carraa addaa fi seena qabeessa ta’e akka fidees eeraniiru.

Kanaaf milkaa'ina isaatiif hundi keenya abbaa taanee hojjechuu qabna jedhaniiru.

Bakka bu’aan hawaasa daldalaa marii ajandaa walitti qabuurratti hirmacha jiran kan biraa Obbo Muzamil Jamaal carraa gaarii mariin biyyaaleessaa fidee dhufe kanatti fayyadamuun itti gaafatamummaa hindi keenya qabnudha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015