Bakka bu’oonni ummataa yaadota ajandaarratti mari’acha jiru

Caamsaa 22/2016(TOI)-Boqonnaan maree komishiniin maree biyyaalessaa Itiyoophiyaa magaalaa Finfinneetti qindeessaa jiru har’as ittifufeera.

Sagantaa kaleessa sa’aatii boodaarraa kaasee tureen akkaataa kutaa hawaasaa isaaniitiin garee gareen ta’uun yaadota ajandaa hawaasa isaan bakka buuserraa imaanaa fudhachuun fidan irratti maree taasisaa akka jiran komishinichi beeksiseera.

Kutaaleen hawaasaa hundi yaadota ajandaa keenya jedhanii fi irratti waliigalan cimsuun qaboo yaa’iitiin mallatteessanii komishinichaaf akka dhiheessan ibseera.

Yaadonni ajandaa kunneen waltajjiiwwan fuuldura jiraniif karaa bakka bu’aasaanii ni’ibsamu jedheera.

Sagantaa har’a sa’aatii booda jiruun bakka bu’oota 121 boqonnaa maree itti aanan bakka buusan filachuun boqonnaawwan maree itti aananiif akka qophaa’an beeksiseera.

Boqonnaan maree komishinichi qindeessaa turu kun guyyoota itti aanan bakka bu’oota qooda fudhattoota afurii hirmaachisuun akka ittifufu odeeffannoon komishinicharraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015