Mariin jijjiramaa naannaawwaa ji'oo Polotikaa fi nageenya Galaana Diimaa irratti xiyyeeffate geggeeffama jira

Caamsaa 22/2016(TOI) - Mariin jijjiramaa naannaawwaa ji'oo Polotikaa fi nageenya Galaana Diimaa irratti xiyyeeffate geggeeffama jira.

Mariin kunis magaalaa Finfinneetti geggeeffama kan jiru yoo ta'u kun isa lammaffaadhas jedhameera.

Waltajjii kanarratti hogganaan waajjira Ministira Dhimma Alaa ambaasaadar Isheetee Xilahuun, Daarektara olaanaa Instiititiyuutii Dhimma Alaa Jaafaar Badiruu, Qondaaltoota Raayyaa Ittisa Biyyaa, ambaasaaddaroota biyyoota adda addaa Finfinneetti argaman, hayyoonnii fi kanneen biroon hirmaataniiru.

Marii kanarratti naannawwaa Galaana Diimatti yaaddoo nageenyaa fi tasgabbii mul'achaa, tajaajila dooniirratti dhiibbaa innii uumuu fi tajaajila haqa qabeessaa fayyadama buufata dooniirratti muuxannoo akka idil addunyaatti jiru irratti barreeffamoonni qorannoo dhihaachuun irratti mari'atama jira.

Waltajjii marii kan qopheesse Instiitiyuutii Dhimma Alaa yoo ta'u waltajjii kanarratti yaaddoo nageenyaa fi tasgabbii naannawwaa Galaana Diimaatti mudachaa jiru, itti fayyadama buufata doonii haqa qabeessaa ta'ee fi muuxannoo akka idil addunyaatti jiru irratti yaada furmaata ta'a kan jedhamu ni dhahaata jedhamee eeggama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015