Qaabeenyaawwaan jiran kaaraa seeraa fayyadamuun qarqaramuu jalaa bahuuf tattaffiin cimaan taasifamuu qaba

Caamsaa 22/2016(TOI) - Qaabeenyaawwaan jiran kaaraa seeraa fayyadamuun qarqaramuu jalaa bahuuf tattaffiin cimaan taasifamuu qaba jedhan Pirezidaantiin naannoo Hararii obbo Oradiin Badirii.

Naannoo Harariitti waltajjiin marii ilaalcha qarqaaramuu irraa adda bahuurratti xiyyeeffate geggeeffama jira.

Waltajjiin kun mata duree '' deeggaramuurra gara oomishitummaatti, birmadummaa biyyaa guutuu ta'ee fi kabajaaf'' jedhuun geggeeffama jira.

Waltajjii kanarratti pirezidaantii naannichaa obbo Oradiin Badirii fi naannichaatti hogganaan Wajjira Paartii Badhaadhinaa damee naannicha obbo Geetuu Wayyeessaa dabaltee hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo fi jiddugaleessaa irratti hirmaachaa jiru.

Obbo Oradiin haasaa taasisaniin akka biyyaatti ilaalacha deeggaramuu fi kadhaa jalaa bahuun dhimma yeroon kennamuufi qabu miti jedhaniiru.

Osoo ilaalcha deeggaramuu jalaa hin bahiin birmadummaa fi kabaja biyyaaleessaa guutuutti gonfachuun kan hin danda'amne ta'uu eeranii kanaaf ilaalcha kana jalaa bilisa bahuuf tattaaffiin cimaan hojjetamuu qaba jedhaniiru.

Qabeenya gabbata akka biyyaa fi naannootti jirutti dhimma bahuun lakkoofsa deeggaramootata xiqqeessuun adeemsa keessa immoo guutummaan guutuutti dhabamsiisuuf hojjechuu barbaachisa jedhaniiru.

Kanaaf immoo furmaanni ijoon jiru oomishitummaa sadarkaa hundaatti guddisuu danda'uu ta'uu himuu isaan ragaan Kominikeeshinii naannichaarra argame ni mul'isa.

Kana keessaattis hoggansi gaheen isaa olaanaa waan ta'eef dirqama kana haalan bahuu qaba jedhaniiru.

Hogganaan wajjira Paartii Badhaadhina naannichaa obbo Geetuu Wayyeessaa gama isaniin Paartiichi akka biyyaatti rakkoo ilaalchi gargaramuu qabu hubachuun hojii bal'aa hojjecha jira jedhaniiru.

 

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015