Dhimmoota biyya keenyaarratti karaa tasgabbii qabuun mari'achuun qaama furmaataa ta'uuf qophoofneerra

Caamsaa  21/2016(TOI) -  Dhimmoota biyya keenyaarratti karaa tasgabbii qabuun mari'achuun qaama furmaataa ta'uuf qophoofneerra jedhan Finfinneetti boqonnaa aiandaa marii walitti qabuurratti hirmaatan.

Finfinneetti kutaaleen hawaasaa  bakka bu'oota uummataa aanaalee 119 irraa walitti dhufan kan irratti hirmaatan marii biyyaalessaaf boqonnan ajandaa marii walitti qabu ifaan jalqabameera.

Dargaggoonni  waltajjii qophaa'e kanarratti hirmaatan TOI'tti akka himanitti; dhimmoota biyya keenyaarratti karaa tasgabbii qabuun mari'achuun qaama furmaataa ta'uuf qophoofneerra kedhaniiru.

Wal waraansii fi walitti bu'insi Itoophiyaa keessaa akka dhabamuu fi biyya kabajaan ishee eegame, kan birmadummaan ishee kabajame taatee akka itti fuftuuf keessayyu dargaggoonni dirqama olaanaa waan qabnuuf marii biyyaaleessaa geggeeffamuuf jiru kanarratti si'aa'inaan hirmaachuu qabna jedhaniiru.

Mariin kun biyya keenyaaf nagaa fi misooma waaraa ni fida jedhame hawwiin kan eegamu waan ta'eef milkaa'ina isaaf cimnee ni hojjenna jeshaniiru.

Kana qofaa osoo hin taane waan biyyaaf fayidaa qabu hundaarratti dargaggoonni gahee isaanii bahuu akka qabanis eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015