Ambaasaaddar Taayyee Atsqasillaasee Ittaanaa ministira muummee fi ministira dhimma alaa Niwuuzlaand waliin mari’atan - ENA Afaan Oromoo
Ambaasaaddar Taayyee Atsqasillaasee Ittaanaa ministira muummee fi ministira dhimma alaa Niwuuzlaand waliin mari’atan
Caamsaa 21/2016(TOI)- Ambaasaaddar Taayyee Atsqasillaasee Ittaanaa ministira muummee fi ministira dhimma alaa Niwuuzlaand Winisteen Piiter waliin bilbilaan mari’ataniiru.
Marichi tumsoota siyaasaa fi dinagdee akkasumas ajandaalee namoomaa ilaalchisuun akka ta’e beekameera.
Kana malees dhimmoota gamlamee, ardii fi heddumminaa fedhii waloorratti xiyyeeffate ta’uusaa odeeffannoon ministeera dhimma alaarraa argame nimul’isa.