Boordichi hooggantoota komaand poostii Shawaa jiddugaleessaa fi gaggeessitoota Shawaa Kaabaa waliin mari’ate

Caamsaa 21/2016(TOI)- Mana maree nakka nu’oota ummataatti miseensonni boordii raawwii labsii yeroo muddamaa qoratu hooggantoota komaand poostii Shawaa jiddugaleessaa fi gaggeessitoota Shawaa Kaabaa waliin mari’atan.

Haala nageenyaa fi tasgabbii yeroo ammaa naannawichatti jiru, odeeffannoo fi  haala shakkamtoonni nageenyi boora’uun walqabatee qabaman itti qabaman qulqulleessuun murteef dhiheessuu akkasumas haala qabannaa namoomaa ilaalchisuun qooda fudhattoota dhimmi ilaalu waliin mariin taasifamuu manni maree bakka bu’oota ummataa beeksiseera.

Qaamni naannawichaa kamiyyuu fedhii fi garaagarummaa qabu mariif dhiheessuun hiikuun, hawaasaaf nageenya waaraa mirkaneessuun akka barbaachisumiseensonni boordichaa ibsaniiru.

Odeeffannoon Namoota lansii hatattamaan shakkamanii qabamanii qulqulleeffamee akkaataa ciminaa fi laafina leenjii haaromsaa irraa amma mana murteetti dhiheessuutti akka hojjetamee fi hojjetamaa akka jiru miseensota boordichaaf ibsa taasisaniiru.

Haalli nageenyaa godinicha iddoowwan addaddaatti ture fooyya’aa dhufuusaatiin hojiileen misoomaa idileen raawwatamaa akka jiran dubbataniiru.

Iddoowwan addaddaa komaand Poostii jala jiran keessatti nageenyaa fi tasgabbii waaraa gama mirkaneessuutiin dargaggoota naannawaa kutaalee hawaasaa addaddaarraa walitti dhufan gurmeessuun leenjii akka argatan taasifamuu odeeffannoon mana maree bakka bu’oota ummataa nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015