Adeemsa mareerratti yaadota biyya fayyadan kaafnee hirmaannaa cimaa gochuuf qophoofneerra

Caamsaa 21/2016(TOI)- Adeemsa mareerratti yaadota biyya fayyadan kaafnee hirmaannaa cimaa gochuuf qophaa’uusaanii hirmaattonni waltajjii ajandaa walitti qabuu dubbatan.

Kutaaleen hawaasaa sagantaa boqonnaa maree ajandaa walitti qabuu bulchiinsa magaalaa Finfinneetti har’a jalqabamerratti hirmaatan bakka qophaa’etti walgahaniiru.

Kanneen sagantaa kanarratti argaman keessa hirmaattonni TOI’n haasofsiise yaadota biyya fayyadan kaafnee hirmaannaa cimaa gochuuf qophoofneerra jedhaniiru.

Barsiiftonni, qaama miidhamtoonni, bakka bu’oonni dubartootaa fi dargaggootaa dammaqinaan mareerratti hirmaachuuf qophaa’uusaanii mirkaneessaniiru.

Boqonnaa maree magaalaa Finfinneetti adeemsifamurratti bakka bu’oonni kuma 2 fi 500 ol akka hirmaatan odeeffannoon komishinii maree biyyaalessaa Itiyoophiyaa nimul’isa.

Akkaataa sagantaa boqonnaa maree Kanaan wantoonni gurguddoon sadii kan raawwatan yoo ta’u isaanis hirmaattonni mari’achuun yaadota ajandaa fiduu, ajandaasaanii waloomsuun walitti qabuu, akkasumas yaadota furmaataarratti yaada waljijjiiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015