Boqonnaan maree ajandaa walitti qabuuu Finfinneetti har’a jalqabama

Caamsaa 21/2016(TOI)- Boqonnaan maree ajandaa walitti qabuuu Finfinneetti har’a jalqabama.

Bakka bu’oonni sagantaa boqonnaa maree ajandaa walitti qabuurraatti hirmaatan bakka qophaa’e gahaa jiru.

Boqonnaa maree Finfinneetti adeemsifamuuf bakka bu’oonni kuma 2 fi 500 caalan akka hirmaatan odeeffannoon komishinii maree biyyaalessaa Itiyoophiyaa nimul’isa.

Akkaataa sagantaa boqonnaa maree Kanaan wantoonni gurguddoon sadii kan raawwatan yoo ta’u isaanis hirmaattonni mari’achuun yaadota ajandaa fiduu, ajandaasaanii waloomsuun walitti qabuu, akkasumas yaadota furmaataarratti yaada waljijjiiru.

Xumurarrattis qooda fudhattoonni garagaraa bakka bu’ootasaanii yaa’ii maree biyyaalessaarratti hirmaatan nifilatu.

Hirmaattonni kutaalee hawaasaa garagaraa bakka bu’an, paartileen siyaasaa, dhaabbileen amantaa, waldaaleen siviikii, qaamoleen mootummaa fi bakka bu’oonni dhaabbilee fi waldaalee sagantaa kanarratti nimari’atu.

Komishiniin maree biyyaalessaa Itiyoophiyaa bakka bu’oota naannolee kudhanii fi bulchiinsota magaalaa lamatti boqonnaa maree naannoorratti hirmaatan kutaa hawaasaa garagaraarraa filachiisuunsaa niyaadatama.

Komishinichi fuuladura sagantaalee walfakkaatan naannolee fi bulchiinsa magaalaa Dirreerawaatti niraawwata.

Komishiniin maree biyyaalessaa Itiyoophiyaa bara 2014 mana maree bakka bu’oota ummataan labsiin hundaa’ee haaldureerraa eegaluun boqonnaa qophii milkaa’inaan xumureera.

Ittifufuun guyyaa har’aa adeemsa maree kan jalqabu yoo ta’u fuulduras boqonnaa hojiirra oolmaatiin hojiisaa kan xumuru ta’a.

Adeemsi maree har’a magaalaa Finfinneetti jalqabamu boqonnaa sadaffaa yoo ta’u bu’a qabeessummaa mareef boqonnaa murteessaadha.

Waldhabdee karaa nagaa hiikuuf, ijaarsia sirna demokiraasii aadaa maree gabbisuunkaayyoo hundeeffameef keessaayyu.

Adeemsi marichaa hammattummaan, iftoomaa, hirmaachisummaa fi amanamummaan kan adeemsifamu ta’a.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015