Dureeyyoonni Turikiyyee Itoophiyaatti hojii invastimatii akka hojjetan waamichi taasifame

Caamsaa 20/2016(TOI) - Dureeyyoonni Turikiyyee Itoophiyaatti hojii invastimatii akka hojjetan deetaan ministira Dhimma Alaa ambaasaaddar Misgaanuu Araggaa waamichi taasisan.

Deetaan Ministirichaa waamicha kana kan taaisan Foramii daldalaa fi invastimatii Itiyo- Turikiyyee Turkiyyee Istaanbulitti geggeeffamerratti haasaa taasisaniin.

Ambaasaaddar Misgaanuu Araggaa Itoophiyaan carraa hojii invastimatii hedduu akka qabu eeranii; Itoophiyaan yeroo kam caalaa damee hojii invastimatirratti hedduu irratti dureeyyoonni alaa akka hojjetan banaa taasisuu beeksisaniiru.

Itti aantuun hoji geggeessaa 'Itoophiyaa Invastimati Holdingii' Yaasimiin Waahburaab gama isaaniin; filannoowwaan hojii invastimatii Itoophiyaan qabduu fi 'Itoophiyaa Invastimati Holdingii' erga hundaa'ee hojiiwwaan hojjechaa jiru, onnachiiftuu fi seerota haaraa bahan ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Dureeyyoonni Turkiyyee carraa jirutti fayyadamuun hojii invastimatii akka Itoophiyaatti hojjetan waamicha taasisaniiru.

Itti aanaa Ministira daldala Turikiyyee Musxafaa Tuzikuu fi Pirezidaantiin Waldaa hawaasa daldalaa Turkiyyee Mahamaat Asmaash Itoophiyaan carraan hojii invastimatii heddu qabaachuu hubachii himaniiru.

Carraa kana fayyadamuun dureeyyoonni Turikiyyees hojii inavstimatii akka hojjetan himaniiru.

Foramicharratti dureeyyoonni biyyoota lamaanii 300 ol ta'an kan hirmaatan yoo ta'e; dueyyoonni kunis waliin mari'achuu ragaan Ministeericharra argame ni mul'isa.

 

 

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015