Nageenyi hojii raayyaan ittisaa seera kabachiisuuf hojjeteen argame sochiin dinagdee fi hawaasummaa haala fooyya’aan raawwachaa akka jiran jiraattonni ibsan

Caamsaa 20/2016 (TOI)- Nageenyi hojii raayyaan ittisa biyyaa seera kabachiisuuf hojjeteen argame sochiin dinagdee fi hawaasummaa haala fooyya’aan raawwachaa akka jiran jiraattonni godina Wallagga Lixaa ibsan.

Hojii seera kabachiisuu raayyaan ittisa biyyaa qaamolee nageenyaa biroo waliin qindaa’uun godinaalee Wallaggaa arfanitti hojjeteen bu’aan argamuusaa ibsamaa tureera.

Ummanni naannawichaa mootummaa jijjiiramaa hiriira deeggarsaa Istaadiyeemii Wallaggaatti taasiseen nageenyasaa itti fufsiisuuf mootummaa waliin hojjechaa akka jiran beeksiseera.

Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad guyyaa sanatti Istaadiyeemii Wallaggaatti argamuun haasawa taasisaniin hawaasni nageenya naannawasaatti argame itti fufsiisuu akka qabuergaa dabarsaniiru.

Ittifufuunis ummanni jijjiirama argate ittifufsiisuun nageenyasaa eegee tokkummaasaa cimsuu akka qabudubbachuunsaanii niyaadatama.

Godinaalee Wallaggaa arfan keessa bulchiinsi godina Wallagga Lixaa  gumaacha raayyaan ittisaa nageenyi naannawichatti akka bu’u taasiseef galateeffateera.

Gumaacha raayyaan ittisaa taasise ilaalchisuun TOI’n jiraattota godinichaa waliin turtii taasiseen hojii raayyaan hojjeteen naannawichatti nageenyi bu’uusaa jiraattonni mirkaneessaniiru.

Yeroo ammaa naannawicha yaaddoo nageenyaarraa bilisa gochuun alatti sochii dinagdee fi hawaasummaaf haalli mijataan uumamuusaa jiraattonni dubbataniiru.

Godinichatti jiraataan aanaa Laaloo Assaabii obbo Abbabaa Ittafaa akka ibsanitti, rakkoon nageenyaa waggoota darban godinicha keessa ture sochii dinagdee fi hawaasummaarratti dhiibbaa addaddaa taasisaa tureera.

Sababa Kanaan rakkoolee addaddaaf saaxilamanii turuusaanii dubbatanii, hojii nageenya eegsisuu qindaa’aa raayyaan ittisaa qaamolee nageenyaa biroo waliin ta’uun taasiseenrakkooleen turan salphachaa dhufuu kaasaniiru.

Raayyaa ittisa biyyaaf galata akka qaban ibsanii, hojii seera eegsisuu fuuldura raayyaan taasifamuuf deggarsa akka taasisan mirkaneessaniiru.

Hojii seera kabachiisuu raayyaan ittisaa hojjeteen yeroo ammaa yaaddoon nageenyaa naannawicha akka hinjirre kan ibsan ammoo jiraataa aanaa Hoomaa obbo Kifluu Waaqshuumaati.

Hojii seera kabachiisuu ummanni raayyaa ittisaa fi qaamolee nageenyaa waliin hojjeteen naannawichatti nageenyi bu’uusaa kan dubbatan yoo ta’u, “bu’aa argameefis raayyaan galateeffamuu qaba” jedhan.

Dargaggoo Isaayyaas Abbabaa gamasaatiin, gareen shororkeessaa shaneen dargaggootatti fayyadamuuf yaalii taasisus garee kana waliin tumsuu diduun nageenya naannawasaanii eegaa turuusaanii dubbateera.

Ammas raayyaa ittisaa cinaa dhaabbachuun nageenya cimsuu keessatti hirmaachuun qoodasaa bahaa akka jiru ibseera.

Obbo Tamasgeen Fufaa yaada kennaniin, raayyaa ittisaa waliin ta’uun garee shororkeessaa kana balleessuuf hojii seera kabachiisuuf hojjetamaa jiru gargaaraa akka jiru dubbataniiru.

Bu’aa yeroo ammaa naannawichatti argameef ‘gooticha raayyaa ittisaaf galatan dhiheessa” jedheera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015