Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa naannoo Hararii waltajjii marii geggeessaa jira.

Caamsaa 20/2016 (TOI) - Manni Maree Paartilee Siyaasaa naannoo Harariitti hojjetanii waltajjii marii geggeeffachaa jira.

Waltajjii marii kanarratti Pirezidaantii naannoo Hararii Oradiin Badirii dabalatee hoggantoonni Paartilee siyaasaa biroon naannicha keessaatti socho'anii hirmaataniiru.

Paartileen kunneen misooma, Bulchiinsa gaarii, sosochii siyaasaa karaa nagaa akkasuma dhimmoota naannoo fi biyyaalessaa irratti mari'achaa jiru.

Waltajjii kanarratti Pirezidaantiin naannoo Hararii obbo Oradiin Badirii kayyoon marii kanaa naannichatti hojiiwwaan nageenyaa fi misooma hojjetaman irratti kallatti waloo kaa'uuf.

Naannichatti hojii fayyadamummaa haqa qabeessa, waliin jireenya hawaasaa fi kanneen biroo irratti mootummaa fi paartileen siyaasaa wal gargaruu fi wal utubuun hojjechuu qabna jedhaniiru.

Akka biyyaatti dirree siyaasa bal'isuuf hojiiwwaan jalqabaman caalaatti cimsuuf i kallatti wal fakkata kaa'uuf waltajjiin kun barbaachisuu himaniiru.

Hojiiwwaan ijaarsa sirna dimokiraatawwaa jalqabaman cimsuu, ijaarsa sirna biyyaa irratti ciminoota jiran caalaatti jabeessuu fi rakkoowwaan jiranis furuuf waltajjiin akka kanaa haala mijata kan uumudha jedhaniiru.

Gaaffiilee fi yaadota Paartilee siyaaasa irraa dhihaatanifis waltajjicha irra ibsi kan kennamu ta'uu himanii;akka galteettis kan fudhatamu ta'uu obbo Oradiin himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015