Cehumsi dijitaalaa Itiyoophiyaa akka si’atu odeeffannoon daldaltoota miiliyoona 2 tuqaa 7 karaa dijitaalaa qindaa’eera

Caamsaa 19/2016(TOI)- Cehumsi dijitaalaa Itiyoophiyaa akka si’atu amma ammaatti odeeffannoon daldaltoota miiliyoona 2 tuqaa 7 karaa dijitaalaa qindaa’uusaa ministirri daldalaa fi walitti hidhamiinsa qaxanaa Gabramasqal Caalaa ibsan.

Itiyoophiyaan humna biyyaalessaa fayyadamuun bara 2025 tarsiimoo dinagdee dijitaalaa kalaqaa fi beekumsarratti hundaa’ee hundaa’e  ijaaruu dandeessisu bocuun hojeessaa jirti.

Tarsiimoon kun ajandaa fooyyessa dinagdee biyya keessaa, karoora misoomaa waggaa kudhanii, tarsiimoo tiraanisfoormeeshinii dijitaalaa ardii fi idil addunyaa waliin kan walitti hidhamedha.

Ministirri daldalaa fi walitti hidhamiinsa qaxanaa Gabramasqal Caala, dijitaal Itiyoophiyaan dameelee dhuunfaa fi mootummaa walitti hidhuun imala dijitaal Itiyoophiyaa mijeessuuf dameelee hojeessu keessaa tokko damee daldalaa ta’uu ibsaniiru.

Hojeeffamni dijitaal Itiyoophiyaa cehumsa dijitaalaa damee daldalaa abbaa dhimmaa haala mijataa uumaa jiru eeraniiru.

Kanaaf ammoo seerri daldalaa Itiyoophiyaa waggoota dheeraaf tajaajilaa ture imala biyyaalessaa fi idil addunyaa waliin walsimee fooyya’uusaa dubbataniiru.

Hawaasni daldalaa eeyyama daldalaa dabalatee hammattoon dijitaalaa tajaajiloota 16 karaa intarneetii abbaa dhimmaa ta;ee karaa si’ataa ta’een kan itti fayyadamu ijaaramee hojii eegaluu dabalanii ibsaniiru.

Itiyoophiyaan damee dijitaalaan addunyaarratti dorgomtuu fi fayyadamtuu ta’uuf wixinee tarsiimoo qopheessuushee eeranii, dhiheenyatti ragga’ee hojii akka jalqabu dubbataniiru.

Ministeerri daldalaa fi walitti hidhamiinsa qaxanaa akkaataa ergama cehumsa dijitaalaa biyyaalessaa si’achiisuuf  kennameefiin odeeffannoo daldaltoota miiliyoona 2 tuqaa 7 gara galmee dijitaalaatti galmeessuusaa dubbataniiru.

Odeeffannoo kana kuusuu fi hiika itti kennuun faayidaa biyyaaf oolchuuf shoorri jiddugaleessota daataa paarkii teeknooloojii odeeffannoo Itiyoophiyaan ijaaraman olaanaa ta’uu kaasaniiru.

Paarkichi dargaggoonni hedduun hojii kan itti argatan fi cehumsa biizinasii taasisuun kaampaanii kan itti uuman waan ta’eef damee daldalaa waliin hariiroo kallattii ta’e qaba jedhan.

Neetwoorkiin wayita addaan ciccitu Itiyoo-telekoomii waliin ta’uun hojjetamaa akka jiru eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015