Hojiin Ashaaraa Magariisaa hanga lammiilee Itoophiyaa biratti akka aadaatti ilaalamutti cimnee hojjechuun Itoophiyaa magariisaa ni dhugoomsina - ENA Afaan Oromoo
Hojiin Ashaaraa Magariisaa hanga lammiilee Itoophiyaa biratti akka aadaatti ilaalamutti cimnee hojjechuun Itoophiyaa magariisaa ni dhugoomsina

Caamsaa 19/2016 (TOI) - Hojiin Ashaaraa Magariisaa hanga lammiilee Itoophiyaa biratti akka aadaatti ilaalamutti cimnee hojjechuun Itoophiyaa magariisaa ni dhugoomsina jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.
Tajaajilli Kominikeshinii Mootummaa kana ilaalchisuuf ibsa baaseera.
Tajaajilchi ibsa isaan Hojiin Ashaaraa Magariisaa lammilee Itoophiyaa biratti hanga akka aadaatti ilaalamutti cimnee hojjechuun Itoophiyaa magariisaa taate uumuu dhugoomsina jedheera.
Waggoottan darbnitti sagantaa Ashaara magariisaan akka biyyaatti eegalameen guutuu biyyattiitti biqiiltuu biiliyoona 32 ol dhaabbate keessaa %90 ol qabachuu ogeeyyii damee kanaan mirkanaa'uu ibseera.
Sagantaa Ashaara magariisaan guutuu biyyattiitti biqiltuuwwan dhaabaman iddoolee dhiqama biyyeef saaxilamanii turan magariisummaa uffachuu ibseera.
Bara kanas buufatee biqiiltuu kuma 132 fi 144 ol irratti biqltuuwwaan gosa garagaraa qophaa’uun biqiiltuu biiliyoona 6.3 dhaabuuf qophiin taasiifamaa jiraachuun himeera.
Hojiin kununsa qabeenya uumamaa haala walitti fufinsa qabuun yoo hojjetame dhiibbaa jijjirama qilleessaarra bilisa ta'uu uumuuf carraa akka uumu eeruun, Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Lammiilee Itiyoophiyaaf akka aadaatti hanga ilaallamutti hojjechuun Itoophiyaa magariisa uffatte ni dhugoomsine jedheera.
Qophiin Ashaaraa magariisaa lammiilee hedduuf carraa hojii uumuus himeera.