Caamsaa 21 irraa eegalee kan raawwatamu boqonnaan marii akka milkaa'u hunduu gahee irraa eeggamu akka bahatu waamichi taasifame

Caamsaa 19/2016(TOI) - Caamsaa 21/2016 irraa jalqabee kan geggeeffamu boqonnaan marii, marii biyyaalessaa akka milkaa'uuf hunduu gahee irraa eeggamu akka bahu Komishiiniin Marii Biyyaalessaa waamicha taasise.

Komishiiniin Marii Biyyaalessaa boqonnaa marii bulchiinsa magaalaa Finfinneetti akka jalqabu beeksiseera.

Komishiinii Marii Biyyaalessaatti itti aantuun Komishiinara Hiruut Gabrasilaasee adeemsa marii biyyaalessaa keessaatti Caamsaa 21/2016 kan jalqabamu boqonnaan marii ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Adeemsa boqonnaa marii kanaaf qophiin barbaachisu taasifamuu himanii hojiin kun akka milkaa'uuf hunduu gahee irraa eeggamu akka bahu waamicha taasisaniiru.

Boqonnaan marii kun caamsaa 21 hanga 27/2016'tti kan geggeeffamu ta'uu himanii, waltajjii kanarratti hojiiwwaan ijoo ta'an sadi kan raawwataman ta'uu ibsaniiru.

Boqonnaa kana keessaatti hirmaatoonni dhufan ajandaawwan marii kan fidan yoo ta'u, yaadota dhufan kan waloo taasisuun walitti ni qabu, ni qindeessuu jedhaniiru.

Dhuma irratti qamoleen qooda fudhatoonni adda addaa bakka bu'oota hirmaatota yaa'ii marii biyyaalessaa kan filatan ta'uu beeksisaniiru.

Gara fuula duraattis Komishiinichi sagantaawwan wal fakkataa ta'an naannolee fi bulchiinsa magaalaatti kan geggeessuu ta'uu eeraniiru.

Itoophiyaanonni fayidaa marii biyyaalessaa kana hubachuun qophii akka taasisanii fi marii kanarrattis si'aa'inaan akka hirmaatan waamicha taasisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015