Itiyoophiyaan Biriiksitti makamuunshee qoonni seena qabeessi hariiroo waltajjii dil addunyaatti qabdu guddachaa dhufuu agarsiisa-ambaasaaddar Iivgeenii Terekhiin

Caamsaa 19/2016(TOI)- Itiyoophiyaan Biriiksitti makamuunshee qoonni seena qabeessi hundeeffamaa fi miseemsummaa qabdu  guddachaa dhufuu akka agarsiisu Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Ruusiyaa  Iivgeenii Terekhiin ibsan.

Ambaasaaddar Iivgeenii TOItti akka himanitti, Waldaan mootummootaa, dhaabbanni mootummoota gamtoomanii, gamtaan Afriikaa fi dhaabbileen biroon akka hundeeffaman Itiyoophiyaan biyyoota qooda olaanaa qaban keessaa ishee tokkodha.

Gamtoomina Biriiksitti makamuunshee hirmaannaa fi shoorri waltajjiiwwan hariiroo idil addunyatti qabdu guddachaa dhufuusaa agarsiiftuu guddaadha jedhan.

Haala Kanaan Itiyoophiyaan qabeenya uumamaa misoomuu danda’uu fi tumma kibba kibbaa guddachaa dhufeen shoora gaarii bahuu akka dandeessu ibsaniiru.

Itiyoophiyaa fi Ruusiyaan michooma dameewwan tumsaa ummattoota biyyoota lamaanii fi seena qabeessaa fi wal amanuurratti hundaa’eakka qaban kaasaniiru.

Gamtoominni Briiksis tumsi gam lamee fi biyyoota hedduu biyyoota lamaanii sadarkaa olaanaatti ceesisuun guddina dinagdee waloo ittifufsiisuuf akka gargaaru ibsaniiru.

የBiyyoonni miseensa Briiksis guddinaa fi qaroomina, aadaa fi tumsa misooma qaxanaa, aadaan  marii gabbisaa akka jiran yaadachiisaniiru.

Biriiksi guddinni addunyaa waliigalaa dhibbantaa 35 tuqaa 6 wuuisuun sochiin misooma dinagdee fooyya’aa kan qabu ta’uu himaniiru.

Biyyoonni miseens gamtichaa dinagdee addunyaa keessatti qooda doolaara Ameerikaa tiriiliyoonii 58 tuqaa 9 fi baay’ina ummataanis dhibbantaa 45 qabachuun humna olaanaa akka qabaatan ibsaniiru.

Biraaziil, Ruusiyaa, Hindi, Chaayinaa fi Afriikaa Kibbaan kan hundeeffame Briiksi, yaa’ii hooggantootaa 15ffaa baatii Hagayyaa bara 2015 Afriikaa Kibbaa Johaanisbargitti taa’ameen Itiyoophiyaan, Gibxi, emereetonni Araba Gamtoomanii, Saa’udii Arabiyaa fi Iraan miseensa gamtichaa akka ta’an murteessuunsaa niyaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015