Sababa Nageenya Daandii waliin wal qabatee balaa namaa fi qabeenyarra gahu hiri'isuuf hojiin jalqabame cimee itti fufa

Caamsaa 19/2016(TOI) - Sababa Nageenya Daandii waliin wal qabatee balaa namaa fi qabeenyarra gahu hiri'isuuf hojiin jalqabame cimee kan itti fufu ta'uu Ministirri Geejibaa fi Loojistikii Dr. Alamuu Simee beeksisan.

Yaa'iin biyyaalessaa damee hojii Geejibaa fi Lojistikii magaalaa Gambeellaatti geggeeffama jira.

Waltajjii kanarratti kan argama Pirezidaantiin naannoo Gambeellaa obbo Umood Ujuluu; bu'uuraleen misoomaa Daandii hojiiwwaan dinagdee biyyatti keessaatti gahee olaanaa bahuu danda'an kanneen akka Turizimii, qonnaa, Albuudaa fi kanneen biroo si'eesuu keessaatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru.

Ministirri Geejibaa fi Lojistikii Dr. Alamuu Simee gama isaaniin sadarkaa biyyaatti sababa nageenya daandiin waliin wal qabatee balaa namaa fi qabeenyarra gahu hiri'isuuf hojiin jalqabame cimee itti fufa jedhaniiru.

Akka naannoottis hojii kanarratti xiyyeeffannoon hojjetamuu isaan balaan namaa fi qabeenyarra gahaa ture hir'achuu eeraniiru.

Waggoota darban Ministeerichi qaamolee qooda fudhatoota waliin ta'uun hojii hojjeteen jijjiramoonni gaariin hedduun argamuu himaniiru.

Gara fuula duraattis Gambeellaa dabalatee naannoolee gama kanaan hanqina qaban furuuf hojiin deeggarsaa jalqabame cimee kan itti fufu ta'uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015