Barattoonni Lammii Itiyoophiyaa dorgommii Ayi siitii idil addunyaa Huwaawwee xumuraa mo’atan

Caamsaa 19/2016(TOI)- Barattoonni Lammii Itiyoophiyaa badhaasa sadaffaa dorgommii Ayi sii tii idil addunyaa Huwaawwee xumuraa mo’atan.

Barattoonni Itiyoophiyaa 3 Itiyoophiyaa bakka bu’uun  dorgommii Ayi Sii Tii Huwaawwee Idil addunyaa Chaayinaa magaalaa Shenzenitti qophaa’erratti kompiiyutiing tiraakiin hirmaatan  badhaasa sadaffaa garee Maaleejiyaa, Meeksikoo fi Keeniyaa waliin qooddachuunsaanii eerameera.

Dorgommichi Caamsaa 14 amma 18 bara 2016tti barattoonni guutuu addunyaarraa hirmaatanirratti dorgommii tiraakiiwwan (Innovation, Network and Computing) sadiitti qoodamee kan adeemsifame ta’uun ibsameera.

Gareen Itiyoophiyaa kan bakka buufame barattoota Yuunivarsiitii Arbaa Mincii fi Finfinneerraa dhufaniin yoo ta’u dorgommii kompiiyutiing tiraakbadhaasa sadaffaa mo’atee har’a biyyasaatti deebi’uunsaa eerameera.

Ministeerri barnoota odeeffannoo karaa fuula marsariitiisaa baaseen  qabxii barattootaatti gammaduusaa ibseera.

Fuulduras barattoonnbi dorgommiiwwan idil addunyaarratti dorgomuuf carraa akka argatan hirmaannaa guddisuuf dhaabbilee idil addunyaa akkasii waliin cimee akka hojjetu beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015