Paartileen Siyaasaa naannoo Beenishaangul Gumuzitti argaman hojiilee misoomaa naannichaatti hojjetama jiran daawwatan

Caamsaa 19/2016(TOI) - Paartileen Siyaasaa naannoo Beenishaangul Gumuzitti argaman hojiilee misoomaa Asoosaa fi naannawwaa isaatti hojjetama jiran daawwatan

Walitti qabaan mana maree Paartilee siyaasaa naannichaa obbo Abdusalaam Shaangaal TOI'tti akka himanitti; Paartiileen siyaasaa kunneen hojiilee misoomaa naannichaatti hojjetamaa jiraniif deeggarsa qaban mul'isuuf hojiiwwaan misooma magaalaa Asoosaa fi naannawwaa isheetti hojjetame har'a daawwataniiru.

Kaayyoon daawwannaa kanaan paartileen dorgomtootaa naannichaa hojiiwwaan misoomaa naannichatti hojjetama jiran keessaatti gahee isaanii akka bahan taasisuufi jedhaniiru.

Daawwannaa kanarratti Paartiilee hirmaatanis; Sosochii Bilisummaa Uummata Beenishaangul, Sosochii Bilisummaa Uummata Gumuz, Paartii dimokraatawwaa Baaroo, Sosochii Biyaaleessaa Amahaaraa(ABN), Dhabbata tokkummaa waliigala Itoophiyaa(Ma'i'ad), Sosochii Dimokiraatawaa Sablammii Argobbaa, Paartiin Badhaadhinaa keessaatti argamu.

Sagantaa daawwanna kanaan hojiiwwaan misooma daawwataman washaa dhagaa Baalcii, Koolleejjii Qonnaa Asoosaatti qindeessa Nyaataa,hojiilee sagantaa maaddii guutuun hojjetaman fi kanneen biroon keessaatti argamu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015