Ministeerri Innooveeshinii fi Tekinolojii qorannoo, ce'umsa tekinolojii fi hojii innooveshinii irratti waliin hojjechuuf Yuunivarsiitoota 4 waliin waliigaltee mallatteesse.

Caamsaa  17/2016(TOI) -Ministeerri Innooveeshinii fi Tekinolojii qorannoo, ce'umsa tekinolojii fi hojii innooveshinii irratti waliin hojjechuuf Yuunivarsiitii Jimmaa, Dirre Dawaa, Hawaasa fi Dabrabiraan 4waliin waliigaltee mallatteesse.

Sagantaa kanarratti Ministirrii Innooveshinii fi Tekinolojii doktar Ballaxaa Mollaa waliigaltichi jiddugalkii Innooviz -Ke fi humna Yuunivarsiitoonni qaban qindeesuun itti fayyadamuun damichaan bu'aa fiduuf kan kaatyeffatedha jedhaniiru.

Hojiiwwaan qorannoo, innoveeshinii, ce'umsa tekinolojii fi Istaarti'appi hojjetaman deeggaruu akkasuma haala mijataa uumuurratti waliin hojjechuun guddina dinagdee biyyaa keessatti gahee isaanii ni bahu jedhaniiru.

Sirna waligaltee mallatteessuu kanarratti Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Haramaayaa Dr. Ubaa Aadam  waliigaltichi hojii misooma humna namaa yunivarsiitiiwwanii haala qindoomina qabuun  fayyadamuuf gumaacha kan taasisu ta’uu ibsaniiru.

Pireezidaantiin Yunivarsiitii Jimmaa  Dr.Jamaal Abbaa Fixaa;  tumsa haala kanaan taasifamuun yuunivarsiitiiwwan dandeettii qaban guddina dinagdeef akka oolchan kan gargaarudha jedhaniru.

Itti Aanaan Pireezidaantii Qorannoo fi ce'umsa Teeknooloojii Yunivarsiitii Hawaasaa Dr. Taaffasee Maatihoos Yuunivarsiitichi hojii qorannoo, innooveshinii  fi teeknooloojii hojjechuuf fedhii guddaa akka qabu eeruun qindoomina akkanaa uumuun dandeettiin akkanaa akka hin qisaasoofne kan taasisu ta’uu ibsaniiru.

 Itti Aanaan Pireezidaantii Qorannoo fi ce'umsa Teeknooloojii Yuunivarsiitii  Dabrabiraan De. Azmaarawu Ayehuu Yuunivarsiitichi Ministeericha waliin ta’uun pirojektoota milkaa’oo hedduu irratti hojjechaa akka ture eeraniiru.

 Waliigalteen kun yunivarsiitichi hojjiiwwan amma jiran cimsuu bira darbee dandeettii qabutti fayyadamuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015