Manni maree tiraanisfoormeeshinii dijitaala Itiyoophiyaa murteewwan hirmaannaa damee dhuunfaa guddisan dabarseera-Ittaanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa

Caamsaa 16/2016(TOI)- Manni maree tiraanisfoormeeshinii dijitaala Itiyoophiyaa murteewwan hirmaannaa damee dhuunfaa guddisan dabarsuusaa Ittaanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa beeksisan.

Manni marichaa walgahiisaa idilee lammaffaa har’a paarkii teeknooloojii odeeffannoo Itiyoophiyaatti adeemsiseera.

Ittaanaa ministira muummee fi waliti qabaan mana marichaa Tamasgeen Xurunaa, murticha ilaalchisuun ibsa kennaniin manni marichaa walgahiisaa jalqabaatiin seeronni, imaammattoonnii fi tarsiimoowwan sirna dirree dijitaalaan jiran qoratamanii akka dhihaatan murtee dabarsee akka ture yaadachiisaniiru.

Walgahii har’aatiin seeronni, qajeelfamtoonnii fi tarsiimoowwan biyyattiitti damee dijitaalaa ilaallatan jiraachuusaanii ilaalleera jedhan.

Ta’us, seeronni, imaammattoonnii fi tarsiimoowwan  kunneen hojeeffama qaban akkasumas hirmaannaa damee dhuunfaaf banaadhaa kan jedhu ogeessotaan tokko tokkoon qoratamee akka dhihaatu murteen darbuusaa dubbataniiru.

Keessumaa dameen dhuunfaa dinagdee Itiyoophiyaa fi sirna dijitaalaa keessatti shoora gaggeessummaa akka bahu gochuurratti seeronni durii ammam banaadha kan jedhu akka ilaalamuu fi seeronni haaraanis akka qophaa’an kallattiin kaa’amuu kaasaniiru.

Murteen manni marichaa dabarse kan biraan gama dinagdee fi guddina dijitaalaatiin dameen dhuunfaa shoora gaggeessummaa akka bahu gochuuf miseensa mana marichaa akka ta’u kan murtaa’e yoo ta’u, ministeerri Innoveeshinii fi Teeknooloojii waldaalee damee dhuunfaa waliin ta’ee miseensota damee dhuunfaa bakka bu’uu danda’an akka guutu kallattiin kaa’amuu eeraniiru.

Manni marichaa karaa Varchuwaalii  mari’achuu akka qabumurteewwan  walgahii jalqabaatiin dabarserratti hundaa’uun walgahii har’aatiin meeshaalee komunikeeshinii hojiilee Varchuwaaliif barbaachisan adda baasuun murtee dabarsuusaa ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015