Raayyaan haleellaa kallattii  kamiinuu dhufu qolachuu danda’u ijaarameera-Jeneraal Ababaawu Taaddasaa

Caamsaa 16/2016(TOI)- Raayyaan haleellaa kallattii biyyattii kamiinuu dhufu ofirraa deebisuun danda’u ijaaramuusaa ittaanaa etaamaajoor shuumii waliigalaa humnoota waraanaa Jeneraal Ababaawu Taaddasaa ibsan.

Jiddugaleessi leenjii ajaja komaandoo hooggantoota shuumii jalqabaa marsaa lammaffaa  kutaalee ajajichaa addaddaarraa filatee leenjise eebbisiiseera.

Ittaanaan etaamaajoor shuumii humnoota waraanaa humnoonni guddina biyya keenyaa hinbarbaanne kan ofii dadhaban finxaaleyyii bobbaasuun biyya keenya bittimsuuf yaalanis raayyaa keenya gootichaa fi deeggarsa ummata keenya hubataan abjuunsaanii maseeneera jedhan.

Nageenya aarsaa biyya keenya eeguuf kaffalameen dhufe mirkaneessuuf hojiin hedduun hojjetamaa akka jiru kan eeran Jeneraal Ababaawu, raayyaan haleellaa kallattii biyyattii kamiinuu dhufu ofirraa deebisuu danda’u akka ijaarame dubbataniiru.

Eebbifamtoonnis dandeettii argatan bakka ramadamanitti hojeessuun ittigaafatamasaanii bahuu akka qaban hubachiisaniiru.

Bulchaan bulchiinsa mootummaa biyyaalessaa naannoo Sidaamaa obbo Dastaa Leedaamoo, hooggannaan damee nageenyaa naannichaa obbo Alamaayyoo Ximootiwoos, kantiibonno magaalaa Hawaasaa fi Shaashamannee, ajajaan ajaja Komaandoo letenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa, ajajaan ajaja Kibbaa letenaal Jeneraal Salamoon Ittafaa dabalatee hooggantoonni raayyaa olaanoon qophicharratti argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015