Finfinnee magaalaa dargaggoonni qareeyyii badhaadhinaaf hojjetan horattu taasisuuf hojiin jalqabne cimee ittifufa-Kantiibaa Adaanech Abeebee

Caamsaa 16/2016 (TOI)- Finfinnee magaalaa dhaloonni itti qaramu, dargaggoota qareeyyii guddinaa fi badhaadhina waliigalaaf hojjetan horattu, fakkeenya badhaadhina biyya keenyaa gochuuf hojiin jalqabne cimee ittifufa jedhan kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee.

Kantiibaa Adaanech agarsiisa barattoota saayinsii fi kalaqaa guutuu magaalaa saglaffaa mata duree “ dhaloonni hojii kalaqaan gabbate guddinaa fi badhaadhina waliigalaaf” jedhuun qophaa’e addababayii michoomaatti banuusaanii beeksisaniiru.

Kantiibaa Adaanech Abeebee ergaa karaa fuula marsariitiisaanii dabarsaniin hojiileen hojjechaa jirru  firii kennaa akka jiran hojiileen kalaqaa agarsiisarratti argine nuhubachiisaniiru jedhaniiru.

Ijaarsa dhalootaaf xiyyeeffannoo olaanaa kennuun dhaloota rakkoo hiiku ijaaruu fi Finfinnee magaalaa dhaloonni itti qaramu, dargaggoota qareeyyii guddinaa fi badhaadhina waliigalaaf hojjetan horattu, fakkeenya badhaadhina biyya keenyaa gochuuf hojiin jalqabne cimee ittifufa  jechuun ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015