Galmeen dorgommii kennaa saayibarii buyyaalessaa bara 2016 jalqabame

Caamsaa 16/2016(TOI)- Galmeen dorgommii kennaa saayibarii buyyaalessaa har’a Caamsaa 16 irraa kaasee amma Caamsaa 30 bara 2016tti akka taasifamu  bulchiinsi nageenya neetwoorkiiodeeffannoo beeksise.

Bulchiinsichi galmee sagantaa dorgommii kennaa addaa saayibarii biyyaalessaa bara 2016 ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kenneera.

Bulchiinsa nageenya neetwoorkii odeeffannootti daarektarri jiddugaleessa ga’ooma Saayibarii Bishaawu Bayyanaa wayita kana akka jedhanitti, bulchiinsichi waggoota lamaan darban dargaggoota filachuun leenjisee eebbisiiseera.

Dorgommiin kennaa saayibarii biyyaalessaa kan bara 2016 sadarkaa biyyaalessaatti yeroo sadaffaaf akka adeemsifamu dubbataniiru.

Galmeen dorgommii kennaa addaa Saayibarii har’a Caamsaa 16 bara 2016 irraa kaasee amma Caamsaa 30 bara 2016tti akka adeemsifamu himaniiru.

Umuriinsaanii waggaa 11 irraa kaasee naannoo biyyatti hunda keessa kan jira kanneen fedhii fi dandeettii qaban galmaa’uu akka danda’an dubbataniiru.

Dameen seekuriitii Saayibarii hanqina namaa olaanaa kan qabu ta’uu eeranii, kennaarratti hojjechuun dhimma filannoo akka hintaane ibsaniiru.

Miidiyaaleen, dhaabbileen barnootaa, dameen dhuunfaa akkasumas dhaabbileen mootummaa ijoo ta’an qoodasaanii akka bahan waamicha taasisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015