Hariiroon Itiyoophiyaa fi Saa’udii Arabiyaa Cimuunsaa nageenyii fi tasgabbiin qaxanichaa qooda olaanaa qabaata-ambaasaaddar Taayyee Atsqasillaasee

Caamsaa 16/2016 (TOI)- Hariiroon Itiyoophiyaa fi Saa’udii Arabiyaa Cimuunsaa nageenyii fi tasgabbiin qaxanichaa qooda olaanaa qabaatajedhan ministirri dhimma alaa ambaasaaddar Taayyee Atsqasillaasee.

Ambaasaaddar Taayyeen ministira dhimma alaa Saa’udii Arabiyaa Fayisal Biin Farhaan Al-Saa’udii waliin mari’ataniiru.

Hariiroon yeroo dheeraa Itiyoophiyaa fi Saa’udii Arabiyaan qaban irratti hundaa’uun tums agama nageenyaa, tasgabbii, dinagdee fi hawaasummaan qaban sadarkaa olaanaarraan gahuuf yeroo amma ta’uusaa marii Kanaan kaasaniiru.

Itiyoophiyaan gamtaa Afriikaa fi ‘IGAD’ waliin ta’uun nagaa fi tasgabbiiin gaanfa Afriikaatti akka bu’u akkasumas walitti hidhamiinsi dinagdee qaxanaa akka uumamu hojii hojjetamaa jiruuf Saa’udii Arabiyaan deeggarsa akka taasiftu waamicha taasisaniiru.

Baay’inni Itiyoophiyaanota Saa’udii Arabiyaatti hojiirratti bobba’anii jiraatanii yeroo gara yerootti dabalaa dhufuunsaa hariiroo biyyoota lamaan jidduu jiru cimsuuf haala mijataa waan uumuuf mirgi lammiilee eegamee hojjechuu akka danda’an haala mijeessuun barbaachisaa akka ta’e kaasaniiruuf.

Manneen barnootaa hawaasaa Saa’udii Arabiyaatti argaman hariiroo ummattoota biyyoota lamaanii sadarkaa olaanaatti ceesisuuf waan gargaaraniif deeggarsa mootummaa Saa’udii Arabiyaa gaafataniiru.

Ministirri dhimma alaa Saa’udii Arabiyaa Fayisal Biin Farhaan Al-Saa’udii gamasaaniin hariiroo dippilomaasii bara dheeraa Itiyoophiyaan Saa’udii Arabiyaa waliin qabdu cimsuuf hojiin hojjechaa jirtu biyyisaanii akka dinqisiifattu ta’uu ibsanii, sadarkaan hariiroo kun caalaa akka cimu fedhii Saa’udii Arabiyaa akka ta’e eeraniiru.

Hojii nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuuf Itiyoophiyaan gaanfa Afriikaatti hojjechaa jirtu akka hordofan ibsanii, hojii kana cimsitee akka itti fuftuu fi waliin hojjechuuf qophii ta’uu beeksisaniiru.

Kaampaaniiwwan biizinasii Saa’udii Arabiyaa Itiyoophiyaatti invast gochuuf fedhii olaanaa akka qabanii fi kun akka milkaa’u mootummaansaanii deeggarsa akka taasisu mirkaneessaniiru.

Biyyyattiin yeroo ammaa damee konistiraakshiniitiin sadarkaa olaanaan hojjechaa akka jirtu ibsanii, Itiyoophiyaan ogeessota bobbaasuuf gama Saa’udii Arabiyaatiin karoorfamuu beeksisuusaanii odeeffannoon ministeera dhimma alaarraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015