Ilaalcha gargaaramuu jalaa bahuun boqonnaa jaalala biyyaa isa lammaffaa milkeessuuf bu’ura kan itti keenyudha-obbo Adam Faaraah

Caamsaa 15/2016(TOI)- Ilaalcha gargaaramuu jalaa bahuun boqonnaa jaalala biyyaa isa lammaffaa milkeessuuf bu’ura kan itti keenyudha jedhan sadarkaa ittaanaa ministira muummeetti qindeessaan olaanaa jiddugaleessa qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii fi ittaanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa obbo Adam Faaraah.

Waltajjiin ilaalcha gargaaramuu jalaa bahuuf mari’atamuu kan mata duree” gargaaramuurraa gara oomishtummaatti, birmadummaa fi kabaja biyyaa guutuuf” jedhuun qophaa’e har’a waajjira muummee paartii badhaadhinaatti taa’amaa jira.

Sadarkaa ittaanaa ministira muummeetti qindeessaan olaanaa jiddugaleessa qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii fi ittaanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa obbo Adam Faaraah dabalatee ministiroonni, hooggantoonni dhaabbilee federaalaa olaanoon, hooggantoonni waajjira damee paartii badhaadhinaa fi qaamoleen dhimmi ilaallatu hirmaataniiru.

Waltajjicha haasawaan kan banan ittaanaan pirezidaantii paartichaa obbo Adam Faaraah akka biyyaatti gargaaramuu fi kadhaa jalaa bahuun dhimma yeroon hinkennamneef ta’uu ibsuusaanii odeeffannoon paarticharraa argame nimul’isa.

Ilaalcha gargaaramuu jalaa osoo hinbahiin birmadummaa fi kabaja biyyaalessaa guutummaatti gonfachuun akka hindanda’amnee fi kanaaf ammoo kutannoon ka’uun kaasanii, qabeenya Itiyoophiyaan qabdu qindeessuun ittifayyadamuun fi badhaadhinaaf oolchuun baay’ina gargaaramtootaa hir’isuu, suutaanis guutummaatti gargaaramuurraa baasuun akka barbaachisu eeraniiru.

Furmaannisaas sadarkaa hundatti oomishtummaa guddisuu akka ta’r kaasaniiru.

Paartiin  badhaadhinaa  ilalchi gargaaramuu kufaatii akka biyyaatti uumuu danda’u sirriitti hubachuun dhimmicha hundeerraa furuuf tarkaanfilee gurguddoo fudhachaa akka jiru ibsaniiru.

Oomishtummaa guddisuun furmaata egeree fiduuf sosochiiwwan kanneen akka dhaala leemataa yeroo addaddaatti akka biyyaatti hojeeffaman bu’aa abdachiisaa akka fidan eeraniiru.

Hojjennee gargaaramuu jalaa bahuun boqonnaa badhaadhina mirkaneessuu jalqabuu qabna, kana milkeessuunis jaalala biyyaa boqonnaa lammaffaaf bu’ura kaa’uudha jedhan.

Dhimmoota sababa gargaarummuutiin በbirmadummaa keenya qoraniif akka hinsaaxilamnbe akkasumas faayidaa biyyaalessaa eegsisuuf akka biyyaatti waanti harkaa qabnu gahaa ta’uusaanii fi kanneen qindeessuun gaggeessuun bu’aa fiduun akka barbaachisu cimsanii dubbataniiru.

Sosochiiwwan akka biyyaatti jalqabaman ittifufsiisuun, humna qindaa’een hawaasa oomishtummaatti galchuun kuusaa ofeeggannoo fi yeroo hatattamaa sadarkaan qabachuun akkasumas hojii uumuuf xiyyeeffannoo kenninee yaadama gargaaramuu egereef dhabamsiisuuf koreen akka biyyaatti dhaabbilee addaddaa ofitti qabuun hundeeffame xiyyeeffatee hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015