Misoomni dijitaalaa guddina biyyaa fi fayyadamummaa lammiilee hundaa mirkaneessuuf gahee olaanaa qaba

Caamsaa 14/2016 (TOI) - Misoomni dijitaalaa guddina biyyattii gara fuula duraa fi fayyadamummaa lammiilee hundaa mirkaneessuuf gahee olaanaa qaba jedhan itti aanaan Ministira Muummee FDRI obbo Tamsgeen Xurunee.

Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunee ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaanii dabarsaniin; har'a agarsiisa 2024 'Stride Ethiopia' kan saayinsii, teeknooloojii fi kalaqa irratti xiyyeeffate irratti hirmaannee, qooda fudhattoota mootummaa fi damee dhuunfaa waliin marii barbaachisaa ta'e gaggeessineerra jedhan.

Addunyaan dijitaalaa hoji maata badaa duubatti nama harkisaan haaraan kan bakka buusa waan ta’eef jaarmiyaalee haala jijjiiramaa jiruuf deebii kennuu danda’an uumuun hojii eegaluun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Itti aanaan Ministira muummee akka eeranitti; guddini dinagdee dijitaalaa hirmaannaa qooda fudhattoota hundaa akka barbaadus himaniiru.

Dameen dhuunfaa, dhaabbileen barnoota olaanoo fi qooda fudhatoonni misoomaa mootummaa waliin qindoomuun misooma kanarratti hirmaachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Qooda fudhattoonni hundi itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaanii bahachuun Itoophiyaa keessatti dijitaalaa Tiraansifoormeeshinii eegalame cimsuun ummanni irraa fayyadama akka ta'u waamicha taasisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015