Ittaanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa eksipoo Stiraayid Itiyoophiyaa daawwatan

Caamsaa 14/2016(TOI)- Ittaanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa fi ministiroonni  eksipoo Stiraayid Itiyoophiyaa daawwatan.

Eksipoon Stiraayid Itiyoophiyaa 2024 Caamsaa 10 bara 2016 ministira muummee doktar Abiyyi Ahimadiin ifatti banamuunsaa nibeekama.

 

Eksipoon waggaa waggaan adeemsifamu kun mata duree “Saayinsiin ulaa bana, teeknooloojiin walitti hidhamiinsa uuma, kalaqni fuulduratti tarkaanfachiisa” jedhuun amma Caamsaa 18 bara 2016tti golambaa saayinsiitti banaa ta’ee nitura.

Eksipoon Straayid Itiyoophiyaa Saayinsii, teeknooloojii, kalaqaa fi dijitaalaayzeeshiniirratti xiyyeeffate dhaabbilee teeknooloojii fi kalaqaa hirmaachisuurratti argama.

Dhaabbileen mootummaa fi dhuunfaa akkasumas staar aapponni hojiilee kalaqaa daawwannaaf dhiheessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015