Yaa’iin damee Aveeshinii bara dhufuu sadaffaan Riyaaditti taa’amaa jira

Caamsaa 13/2016(TOI)- Yaa’iin damee Aveeshinii bara dhufuu sadaffaan magaalaa muummee Saa’udii Arabiyaa Riyaaditti taa’amaa jira.

Jilli ministira geejjibaa fi loojistiksii doktar Alamuu Simeen durfamu Itiyoophiyaa bakka bu’uun hirmaachaa kan jiru yoo ta’u jilli kun mariiwwan gamlamee foramichaan cinaatti qaamolee addaddaa waliin akka mari’atu ni’eegama.

Yaa’iin walitti hidhamiinsa idil addunyaa guddisuu fi damicharratti tumsaan hojjechuurratti xiyyeeffachuun nimari’ata jedhamee eegamu kun biyyoota hirmaattotaa fi dhaabbilee tumsoota Aveeshinii addaddaa 50 olii fi waliigalteewwan waliin hojjechuu nitaasifama jedhameera.

Oomishtoonni Xiyyaaraa damee kanaakuma 5 caalan, dhaabbileen tajaajila balallii kennan, barnoota Aviyeeshinii fi jiddu galeessa ga’oomaa, hayyoonni akkasumas hooggantoonni dhaabbilee mootummootaa fi idil addunyaa damee kanarratti murtee kennan hirmaachaa jiru.

Yaa’iin Aviyeeshinii idil addunyaa kun bara 2022 waliigalteewwan damee Aviyeeshinii 5o ta’an mallatteessuusaa odeeffannoon ministeera geejjibaa fi loojistiiksii nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015