Naannoo Gaambeellaatti galiin birrii biiliyoona 1 tuqaa 6 caalu walitti qabame - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Gaambeellaatti galiin birrii biiliyoona 1 tuqaa 6 caalu walitti qabame

Caamsaa 13/2016(TOI)- Naannoo Gaambeellaatti matadureewwan galii addaddaarraa galiin birrii biiliyoona 1 tuqaa 6 caalu walitti qabamuusaa biiroon galii naannichaa beeksise.
Naannichi galii galii naannicharraa argamu duguugee ittifayyadamuun baasii hunda dandeettii ofiin fayyadamuuf hojjetamaa akka jiru biirichi ibseera.
Hoogganaan biiroo galiiwwanii naannoo Gaambeellaa obbo Tuut Jook TOItti akka himanitti, bara bajataa kanatti matadureewwan galii addaddaarraa galii birrii biiliyoona 2 tuqaa 3 caalu walitti qabuuf karoorfamee hojjetamaa jira.
Baatii sagal darbe caasaalee naannichaa amma aanaatti jirurraa birrii biiliyoona 1 tuqaa 626 caalu walitti qabamuu dubbataniiru.
Raawwiin baatii sagalii dhibbantaadhaan 91 tuqaa 62 ta’uu eeranii, yeroo walfakkaataa bara darbee waliin walcinaatti yemmuu ilaalamu caalmaa birrii miiliyoona 313 ol akka qabu himaniiru.
To’annaa fi hordoffii Caasaalee naannoorraa amma aanaatti jirranirratti cimsuu fi hubannoo hawaasa gibira kaffaluu guddisuun galiin kan bara darbee caalu argamuusaa dubbataniiru.
Fuulduras sirna galii walitti qabuu ammayyeessuu fi tajaajila si’ataa kennuun akkasumas sirna bulchiinsa taaksii gara dijitaalaatti jijjiiruun galii naannichaa guddisuuf yaalamaa akka jiru dubbataniiru.
Galii naannichi maddisiisu sirnaan walitti qabuun dandeettii baasiin ofdanda’uu guddisuuf hojiin hojjetamu gargaarsa qooda fudhattoota hundaa akka barbaachisu dubbataniiru.
Maamiltoota gibira kafalaa jiran keessaa obbo Umood Utoow yaada kennaniin, gibira kaffaluuf tataajila si’ataa argachaa akka jiran dubbataniiru.
Gibirri lammiileerraa walitti qabamu guddinaa fi misooma biyyaaf qooda olaanaa waan qabaatuuf hundi gibira sirnaan kaffaluu akka qabu kan ibsan ammoo kafalaa gibiraa obbo Warquu Isheetuuti.