Wixinee Labsii Nageenya Saayibarii Bu’uuraalee misoomaa ijoo irratti galtee walitti qabuuf waltajjiin marii gaggeeffamaa jira.

Caamsaa 10/2016 (TOI)  Wixinee labsii nageenya saayibarii bu’uuraalee misoomaa ijoo irratti qooda fudhattoota waliin galtee walitti qabuuf waltajjiin marii Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Hoggantoota bulchiinsa nageenya odeeffannoo, ogeeyyii seeraa fi saayibarii dabalatee qaamoleen affeeraman biroon waltajjicharratti hirmaachaa jiru.

Itti aanaan Daarektara  Olaanaa Damee Odeeffannoo Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Haniimaan Lammaa;  Nageenya saayibarii bu’uuraalee misoomaa mootummaa ijoo ta’an mirkaneessuudhaan haalli kennisa tajaajila lammiileef saffisaan kennuu danda’u uumamuu ibsaniiru.

Qophiin wixinee labsii kanaa yeroo xumuramee hojiitti hiikamun sirna hojii ifa ta’e diriirsuun bu’uuraalee misoomaa mootummaa eegsisuun bu’aa guddaa akka qabu eeraniiru.

Bulchiinsa Nageenya Odeeffannootti Hogganaa Kutaa Qorannoo fi Qophii Seera Saayibarii Obbo  Fiqirasilaasee Geetaachoo;  Itti fayyadamni lammiileen tajaajila dijitaalaarratti qaban guddachaa jira jedhaniiru.

Wixinee Labsii kana raggaasisuun hojiitti galchuudhaan nageenyi saayibarii bu’uuraalee msoomaa mootummaa ijoo ta’anii eeguu fi haleellaa damicha keessatti dabalaa dhufe sadarkaa idil-addunyaatti qolachuun akka danda’amu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015