Raayyaa sabdaneessa cimaa ijaaruun gamatti dhaabbilee ittisaa jiddugaleessa qorannoo fi kalaqaa taasisuun danda’ameera-doktar Abrihaam Balaay - ENA Afaan Oromoo
Raayyaa sabdaneessa cimaa ijaaruun gamatti dhaabbilee ittisaa jiddugaleessa qorannoo fi kalaqaa taasisuun danda’ameera-doktar Abrihaam Balaay
Caamsaa 10/2016 (TOI)- Waggoota jijjiiramaa darbanitti raayyaa sabdaneessa cimaa ijaaruun gamatti dhaabbilee ittisaa jiddugaleessa qorannoo fi kalaqaa taasisuun akka danda’ame ministirri ittisaa doktar Abrihaam Balaay ibsan.
Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimadii fi qondaaltonni ittisaa olaanoon tooftaa injiinariing riivarsiitiin meeshaalee addaddaa, Rookkeettiiwwanii fi Taankota korporeeshiniin industirii oomishuuf hojjechaa jiru ilaalaniiru.
Ministirri ittisaa doktar Abrihaam Balaay wayita kana akka jedhanitti, raayyaan ittisa biyyaa adeemsa jijjiiramaa gurguddoo keessa darbuun raayyaa cimaa Itiyoophiyaa qormaata keessatti baraaru ta’ee ijaarameera.
Qormaatileen waggoota muraasa darban Itiyoophiyaa mudate akka barattu ishee taasiseera kan jedhan ministirichi, keessumaa dandeettii keessoo keenyaa guddisuuf ulaa baneera jedhan.
Haala Kanaan nageenya biyyaa kabachiisuuf hidhannoo biyya alaarraa bituu qofa osoo hinta’iin humna qabnutti fayyadamnee meeshaalee gataman fooyyessuun suphuun faayidaarra akka oolan taasifamuusaanii dubbataniiru.
Raayyaan ittisaa meeshaa bituun qofa osoo hinta’iin kanneen Kanaan dura turan fooyyessuun, suphuu fi dandeettii dhukaasuusaanii guddisee faayidaarra oolchuuf kallattii xiyyeeffannoo taasisuun hojjechuusaas yaadachiisaniiru.
Korporeeshiniin industirii injiinariingii ittisaas taankotaa fi meeshaalee gurguddoo Kanaan dura gatamanii waggoota dheeraaf turan akka haaraatti fooyyessuu fi fooyyessuun dandeettii waraanaa caaluuf qopheessuusaa ibsaniiru.
Adeemsa Kanaan raayyaa sabdaneessaa cimaa ijaaruurra darbee dhaabbilee ittisaa dhaabbilee qorannoo fi kalaqaa akka ta’an akka ta’an gochuun boqonnaan milkaa’inaa haaraan banamuusaa himaniiru.
Bu’aaleen dinqisiisoo naannawoota biyyattii addaddaarraa dhufan meeshaalee waggoota dheeraaf gatamanii turan korporeeshinii industirii injiinariingii ittisaa keessatti fooyyessuurra darbee teeknooloojiiwwan haaraa kalaqaa jiru jedhan.
Haala Kanaan dhaabbanni ittisaa dhaabbata waraanaa qofa osoo hinta’iin kalaqa teeknooloojii fi dhaabbata qorannoo saayintistoonni addunyaarratti beekaman kan irraa argaman akka ta’u taasifamuusaa dubbataniiru.
Kanaaf hayyoonnii fi dargaggoonni kalaqa teeknooloojiitiin biyyasaanii kabachiisuuf dhaabbaticha waliin akka hojjetan waamicha taasisaniiru.