Qorumsa Naannoo fi Biyyaalessaatiin qaphxii gaarii galmmeessuuf qophii taasisaa jiraachuu barattoonni aanaa Diinshoo himan. - ENA Afaan Oromoo
Qorumsa Naannoo fi Biyyaalessaatiin qaphxii gaarii galmmeessuuf qophii taasisaa jiraachuu barattoonni aanaa Diinshoo himan.

Caamsaa 6/2016(TOI) - Godina Baaleetti barattoonni kumni 35 ol qormaata Biyyaalessaa fi Naannoo kutaa 6ffaa, 8ffaafi 12ffaa kumni 35 ol fudhachuuf qophii taasisaa akka jiran waajjirri Barnoota godinichaa beeksise.
Itti gaafatamaan Waajjira Barnoota aanaa Diinshoo Obbo Tasfaayee Yigazzuu rakkoo cabiinsa barnootaa mudate furuuf hojii tumsu hojjachaa jiraachuu himaniiru.
Sadarkaa aanichaatti barattoota kuma 2 ol qorumsa Biyyaalessaa fi Naannoo fudhachuuf qophii taasisaa jiraachuus himaniiru.
Qormaata naannoo kutaa 6ffaafi 8ffaa karaa qulqullina qabuun barattoora qoruuf caasaa barnootaa sadarkaan jiru waliin qindoominaan hojjatamaa jiraachu Itti gaafatamaa Waajjira Barnootaa Godina Baalee Obbo Tashaalaa Disaasaa ibsaniiru.
Akka Godinichatti bara kana manneen barnoota kutaa 6ffaa, 8ffaafi 12ffaa jiran kuma 461 keessatti barattoota kuma 35 fi 570 qorumsa Biyyoolessaa fi Naannoo kennuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Gumii Tiraanisformeeshinii Barnootaa manneen barnoota hunda keessatti hundeessuun qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojjetamaa turuu yaadachiisan.
Keessattuu,barattoonni barnoota idileetiin cinaatti barnoota dabalataafi harca'ee hafe barsiisuun qormaataaf qophii gahaa akka taasisan hojjatamuus eeraniiru.