Tajaajilli fi qaqqabamummaa 'Ethio Sat' guddina olaanaa agarsiisaa jira.

Caamsaa 6/2016(TOI) - Tajaajilli fi qaqqabamummaa 'Ethio Sat' guddina olaanaa agarsiisaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa beeksise.

Dhaabbanni 'Ethio Sat' maamilootaa fi qaamolee qooda fudhatoota waliin guddina indastiricharratti xiyyeeffachuun kora qorannoo magaalaa Finfinneetti geggeessa jira.

Waltajjicharratti kan argaman Daarekterri olaanaa Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa obbo Mahaammad Idiris yeroo ammaa Ethio Sat irra dhaabbilee Televizhiinii Amantii,Daladalaa, uummataa fi kanneen biroof tajaajila kennaa jira jedhaniiru.

Qaqqabamummaa Ethio Sat guddaa ta'uu eeranii; adeemsa hanga ammaatti ittiin dhufe irraa damdamachuunhojii gara fuula duraa irratti xiyyeeffachuu qaba jedhaniiru.

Tattaaffii kanaafis abbaan taayitichaa deeggarsaa barbaachisu kan taasisu ta'uu beeksisaniiru.

Itti aanaan daarektara Instiitiyutii Ji'oo Ispeeshaalii fi Saayinsii hawaa Itoophiyaa Beteheleem Nugusee , baasii guddaa Itoophiyaan saatalaayitiif baastu hiri'isuun cinaatti aadaa fi safuu biyyatti eegsisuu keessaatti gaheen Ethio Sat bahaa jiru olaanaadha jedhaniiru.

Itoophiyaan saatalayitii kominikeeshinii mataa ishee akka qabattuuf hojjetama jirachuus himaniiru.

Ethio Sat bara 2012 Waldaa Biroodkastaroota Itoophiyaa, Abbaa Taayitaa Biroodkastingii Itoophiyaa duraanii fi Instiitiyutii Tekinolojii fi saayinsii hawaa duraaniin kan hojiirra oolchaan yoo ta'u yeroo ammaa Chaanaaloota 136 ofitti hammatee kan jirudha.

See insights and ads

Boost post

Like

Comment

Share

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015