Teleetoonii dijitaalaa sosochii Itoophiyaa qulqulluuf har’a eegalameen saatii 1 keessatti birriin miiliyoona 1 fi walakkaan walitti qabame jedhame.

Caamsaa 4/2016(TOI) - Teleetoonii dijitaalaa sosochii ‘Itoophiyaa qulqulluuf’ har’a raawwatamuun birrii miiliyoona 50 walitti qabuuf karoorfameera.

Hirmaannaa uummataa hanga ammaatiinis birriin miiliyoona 1fi walakkaan walitti qabamuun himameera.

Teletoonii dijitaalaa kanarratti lammileen Itoophiyaa biyya keessaafi biyyoota gara garaa jiraatan hirmaataa jiru jedhameera.

Teletooniin kunis har’a ganama saatii 2 irraa eegaluun hanga galgala saatii 12’tti itti fufa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015