''Badhaadhina Itoophiyaa mirkaneessuuf damee hundaan boqonnaa malee hojjachuun cimee itti fufeera''

Ebla 30/2016(TOI) - Workishooppiin Qophii Karooraa fi Tiraanisfoormeeshinii hooggantoota olaanoo magaalaa Finfinnee hirmaachise adeemsifamuu eegale.

Kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin "Workishooppichi Finfinnee magaalaa filatamtuu idil addunyaa taasisuu kan dandeessisan ajandoota jaha irratti leenjii kennuuf" kan qophaa'edha jedhaniiru.

Gama biraanis workishooppichi qophiin karoora tiraanisfoormeeshinii kan raawwatu yoo ta'u leenjichaan ogeessonni damichaa idil addunyaa hooggantootaaf leenjiiwwan akka kennan eeraniiru.

Badhaadhina Itoophiyaa mirkaneessuuf damee hundaan boqonnaa malee hojjachuun cimee itti fufuu Aadde Adaanech ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015