Oromiyaatti qonnaan bultoonni fi Horsiise bultoonni kumni 7 gara invastaraatti akka ce'an murteeffame

Ebla 30/2016(TOI) - Naannoo Oromiyaatti ji'oota sagal darbanitti qonnaan bultoonni fi Horsiise bultoonni ulaagaa barbaachisu guutaan kumni 7 gara invastaraatti akka ce'an murteeffamuu Biiroon Qonnaa naannichaa beeksise.

Itti aanaan hogganaa biirichaa obbo Bariisoo Fayisaa TOI'tti akka himanitti; bara kana qonnaan bultootaa fi horsiise bultoota kuma 26 gara hojii invastimatiitti ce'an adda bahaniiru.

Kana keessaa kumni 15 ulaagaa barbaachisu guutuun gabaa fi karoora daldalaa sadarkaa aanaa fi godinaatti hojjetameefii xumuramuu himaniiru.

Qonnaan bultootafi horsiise bultoota haalli gabaa qoratameefii adda bahe keessaa keessaa kumni 7 kaappitaalli isaanii adda bahuun boordii invastimatiif dhihaatee akka gara hojii invastimatiitti ce'an murtaa'uufi himaniiru.

Qonnaan bultoota fi horsiifate bultoota gara hojii invastimatiitti akka ce'an murtaa'eef kanaafis deeggarsa barbaachisaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru.

Qonnaan bultoonni fi hosiise bultoonni lafa liiziin fi maashinoota dabalatee deeggarsa biroo akka argatan qaamolee qooda fudhatoota waliin hojjetama jira jedhaniiru.

Hojiiwwan woggata darban hojjetamaniin qonnaan bultoonni fi horsiise bultoonni kuma 40 ta'an invastimatii qonnaa fi oomisha qonnaa qindeesurratti bobba'anii hojjechaa jiraachuus himaniiru.

Biiroo Indastirii fi Invastimatii Oromiyaatti hogganaan damee qorannoo invastimatii fi keessummeessa pirojeektota invastimatii obbo Ermiyaas Dannaqee gama isaaniin ji'oota salgan darban gara invastimatiitti akka ce'aniif murtaa'eef keessaa qonnaan bultoota fi horsiise bultoota 271 keessummeessuu himaniiru.

Qonnaan bultoota fi horsiise bultoota dabalatee Waldaaleen Hojii gamtaa kaappitaala birrii biliyoona 21.2 galmeesaan eeyyama invastimtii fudhataniiru jedhaniiru.

Pirojeektonni invastimatii eeyyama fudhatan kunneen lammikee kuma 126 fi 719 oliif carraa hojii kan uuman ta'uu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015