Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad fi garee jilaasaanii yaa’ii guutama 21ffaa waldaa misooma addunyaa (IDA) irratti argamuuf Naayiroobii dhaqan

Ebla 21/2016(TOI)- Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad fi garee jilaasaanii yaa’ii guutama 21ffaa waldaa misooma addunyaa (IDA) irratti argamuuf Naayiroobii dhaqaniiru.

Yaa’ichi waldichi deeggartoonnii fi qaamoleen tumsitootaa deeggarsa maallaqaa misooma Afriikaa xiyyeeffannoo dursi kennamuuf agarsiisuu fi hubanna akka argatu gochuuf kan akeekkate yoo ta’u kanneen deeggarsa maallaqaa dhihessan bara waldichaa 21ffaatti deeggarsa taasisan dabaluuf cimsanii akka ilaalan hubachiisuuf kan kaayyeffatedha.

Waajjirri ministira muummee akka beeksisetti deeggarsi kun gufuuwwanii fi carraalee gaarii misooma Afriikaa sirriitti keessummeessuuf baay’ee barbaachisaadha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015