Hawaasa, naannawaa fi lammii jijjiirame uumuun aarsaa gaafata

Ebla21/2016(TOI)- Hawaasa, naannawaa fi lammii jijjiirame uumuun aarsaa gaafata jedhan ministirri tajaajila komunikeeshinii mootummaa doktar Laggasaa Tulluu.

Hawaasni sosochii daandii qulqulluu-jireenya fallaalessaa jedhutti makamuun deeggarsa akka taasisu ministirichi waamicha dhiheessaniiru.

Doktar Laggasaan ergaa fuula marsariitiisaaniirratti barreessaniin akka ibsanitti, sosochiin “daandii qulqulluu-jireenya fayyaalessaa” jedhu hojii misooma kooridaraa keessaa tokkodha.

Karoorri kun biyya keenyatti eegumsa fayyaa fi lammii oomishaa gama uumuutiin jijjiirama bu’uraa kan fidudha jechuun ibsaniiru.

Kanaaf tattaaffii, obsa, kan jalqabame yeroon xumuruu, karoora itti aanuuf qophaa’uu nubarbaachisa jedhaniiru.

Rakkannees ta’u bara keenyatti gumaacha barbaachisu wayita taasifnu dhaloota boruuf bu’uura keenya kan jedhan ministirichi, hawaasni karaa lakkoofsa erraga baankii 1000623230248 amma danda’e akka gumaachu waamicha taasisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015