Aadaa yaa’ii gamtaa Afriikaa milkaa’inaan qopheessuuf horanne cimsinee ittifufuu qabna-ambaasaaddar Taayyee Atsqasillaasee

542

Ebla 19/2016(TOI)- Aadaa yaa’ii gamtaa Afriikaa milkaa’inaan qopheessuuf horanne cimsinee ittifufuu qabna jedhan ministirri dhimmi alaa ambaasaaddar Taayyee Atsqasillaasee.

Magaalaan Finfinnee jiddugaleessa dippilomaasii cimtuu taatee akka ittifuftu imaanaa ba’uun keenya hojii keenya guyya guyyaa ta’uu qaba jedhan beeksissaniiru.

Ministeerri dhimmi alaa yaa’iin hooggantootaa gamtaa Afriikaa 37 fi yaa’iin hojii raawwachiiftota gamtaa Afriikaa 44ffaa qaamolee milkaa’inaan akka xumuramu gumaacha olaanaa taasisaniif sagantaa beekamtii fi galateeffannaa adeemsiseera.

Sagantaan beekamtii fi galateeffannaa karaa koree qophii biyyaalessaa raawwachuusaa odeeffannoon ministeera dhimmi alaa ni’eera.

Qaamolee ittigaafatamaa fi kabaja seenaqabeessa biyya keenyaaf kenname karaa madaaluun milkaa’inaan akka xumuramu taasisan ambaasaaddar Taayyeen galateeffataniiru.

Aadaa keenya yaa’ii gamtaa Afriikaa milkaa’inaan keessummeessuun horanne  cimsinee ittifufuu qofa osoo hinta’iin, magaalaan Finfinnee jiddugaleessa dippilomaasii cimtuu taatee akka ittifuftu imaanaa ba’uun keenya hojii keenya guyya guyyaa ta’uu qaba jedhan.

De’eetaan minister biyya alaa fi walitti qqabaan koree biyyaalessaa ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo dhaabbilee keessummoota biyyoota addaddaarraa dhufanii yaa’icharratti hirmaatan milkaa’inaan simachuun gaggeessuun akkasumas tajaajila guutuu kennan galateeffataniiru.

Dhaabbileen yaa’ichi milkaa’inaan akka xumuramu gumaacha taasisan ambaasaaddar Taayyee Atsqasillaaseetiin waraqaan raga galateeffannaa fi beekamtii kennameeraaf.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015