Akkaadaamiin ga’ooma hooggansaa Afriikaa akkaadaamii biizinasii idil addunyaa Chaayinaa waliin hojjechuuf waliigaltee Mallatteesse

819

Ebla 18/2016(TOI)- Akkaadaamiin ga’ooma hooggansaa Afriikaa akkaadaamii biizinasii idil addunyaa Chaayinaa waliin hojjechuuf waliigaltee Mallatteesse.

Pirezidaantiin akkaadaamii ga’ooma hooggansaa Afriikaa obbo Zaadiig Abrihaa fi pirezidaantiin akkaadaamii biizinasii idil addunyaa Chaayinaa(AIBO) Suun zoon Giih waliigalticha mallatteessaniiru.

Waliigaltichi dhaabbileen lamaan gabbisa dandeettii hooggansaarratti waliin hojjechuuf akka isaan dandeessisu ibsameera.

Pirezidaantiin akkaadaamii ga’ooma hooggansaa Afriikaa obbo Zaadiig Abrihaa, akkaadaamichi Itiyoophiyaatti dandeettii hooggansaa gabbisuuf dhaabbilee idil addunyaa addaddaa waliin hojjechaa akka jiru dubbataniiru.

Kun ammoo muuxannoowwan idil addunyaa gara Itiyoophiyaa fiduun hooggantoota ga’umsa qaban horachuuf nigargaara jedhan.

Akkaadaamiin biizinasii idil addunyaa Chaayinaa (AIBO)  dhaabbata barnootaa fi leenjii ministeera barnootaa rippaabiliika ummata Chaayinaa jalatti argamudha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015