Manni maree magaalaa Finfinnee ya’ii idilee adeemsisuu eegale

153

Ebla 18/2016(TOI)- Manni maree magaalaa Finfinnee ya’ii idilee 3ffaa bara hojii waggaa sadaffaa adeemsisuu eegaleera.

Manni marichaa yaa’ii guyyaa tokko turuun gabaasa hojii bulchiinsichaa baatii sagalii bara bajataa 2016 kantiibaa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee dhiheessanirratti akka mari’atu ibsameera.

Danbiin naamusaa miseensota mana maree Finfinnee fi labsii bajata dabalataa bara 2016 bulchiinsa magaalichaa irratti mari’achuun niraggaasa jedhameetu eegama.

Hojiileen misooma kooriidaraa, ijaarsota bu’ura misoomaa, hojiileen misoomaa namarratti xiyyeeffatan, qaqqabiinsa tajaajiloota hawaasummaa, dhaala leemataa, carraa hojii uumuu, kenniinsa tajaajilaa fooyyessuu, ijaarsa dhaabbilee fi rakkoolee bulchiinsa gaarii furuu baatilee sagalitti bulchiinsa magaalichaatti hojjetamanii fi hojiileen raawwataman biroorratti akka mari’atamu ni’eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015