Itoophiyaan walitti dhufeenya Intarpool waliin qabdu cimsuuf fedha qabdi.

395

Ebla 17/2016(TOI) - Itoophiyaan walitti dhufeenya Intarpol waliin qabdu caalaatti cimsuuf fedha kan qabdu ta'uu Poolisii Federaalaa Itoophiyaatti Itarpool Biyyaalessaa Poolsii Federaalaa fi Qajeelchi Tumsa Poolisii Idil-Addunyaa beeksise.

Poolisiin Fedeeraalaa, Itoophiyaa Konfiraansii Waggaa  Interpool Idil-addunyaa irratti hirmaachaa jira.

Konfiraansiin kun Firaansi Magaalaa Liyoonitti taa’amaa jira.

Konfiraansicha irratti Hogganaan Iterpool  Biyyaalessaa Poolsii Federaalaa fi Qajeelcha Tumsa Poolisii Idil-Addunyaa Gargaaraan Komishinaraa Dajanee Baqqalaa hirmaachaa jiru.

Gargaaraan Komishinaraa Dajanee Baqqalaa konfiraansichaan cinaatti qindeessitoota pirojektii babal’ina tajaajila interpoolii waliin mari’ataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015