Gamtaan ‘BRICS’ shoora dhaabbilee hawaasa siviilii cimsuuf carraa ni’uuma

226

Ebla 17/2016(TOI) – Gamtaan ‘BRICS’ shoora dhaabbilee hawaasaa siviilii biyyoota miseensotaatti argamanii muuxannoo waljijjiiruu fi faayinaansiin cimsuuf carraa akka uumu abbaan taayitaa dhaabbilee hawaasa siviilii ibse.

Abbaan taayitaa dhaabbilee hawaasaa siviilii Itiyoophiyaa ogeessota hawaasa siviilii gamtaa ‘BRICS’ Ruusiyaarraa dhufanii fi hawaasa siviilii addaddaa waliin mari’achaa jira.

Ittaanaan daarektara olaanaa abbaa taayitaa dhaabbilee hawaasa siviilii obbo Faasikaawu Mollaa wayita kana, mootummaan waggoota jijjiiramaa darbanitti dhaabbilee hawaasa siviiliif xiyyeeffannoo olaanaa kennuun riifoormii bal’aa taasisuusaa ibsaniiru.

Haala Kanaan fooyyessa seeraa taasisuun dhaabbileen hawaasa siviilii ijaarsa sirna demokiraasii fi misooma biyyaa waliigalaa keessatti qooda guddaa akka bahan haalli mijataan uumamuusaa kaasaniiru.

Itiyoophiyaan miseensa ‘BRICS’ ta’uunshee fayyadama fayyadamummaa gama hundaa mirkaneessuu fi dhaabbilee hawaasa siviilii cimsuuf carraa mijataa ta’uu dubbataniiru.

Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa Ruusiyaa fi biyyoota miseensota biroo Waliin qabaattuun dhaabbileen hawaasa siviilii muuxannoo bal’aa akka taasisanii fi humna faayinaansii dabalataa akka qabaatan carraa akka uumu himaniiru.

Gamtaan ‘BRICS’ biyyoota 10 kan ofkeessaa qabuu fi dinagdee addunyaa harka 37 akkasumas lakkoofsa ummata addunyaa harka 45 kan ofkeessaa qabu hammattoo tumsaa isa guddaa ta’uunsaa nibeekama.

Biraaziil, Ruusiyaa, Hind, Chaayinaa fi Afriikaan kibbaa hundeessitoota ‘BRICS’ yoo ta’an, Itiyoophiyaa, Saa’udii Arabiyaa, emereetonni Araba Gamtoomanii, Gibxi fi Iraan barana gamtichatti makamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015