Sirni awwaalchaa hojjettuu TOI adde Wuddaallaat Ayyenew raawwatame

590

 Ebla 17/2016(TOI)- Kaleessa kan boqotte Sirni awwaalchaa hojjettuu TOI adde Wuddaallaat Ayyenew har’a bataskaana Qacanee Madaanalamitti  raawwatameera.

Adde Wuddaallaat Ayyenew Bitootessa bara 2008 irraa kaasee dhukkuba tasaatiin amma lubbuunshee darbe amma Ebla 16 bara 2016tti tajaajila oduu Itiyoophiyaa keessa hojjetteetti.

Maatiisheef nama jalqabaa kan taate adde Wuddaalaat Ayyenew, abbaashee obbo Ayyenew Abdallaa fi haadhashee adde Abbabach Alii bara 1973 ture Finfinneetti kan dhalatte.

Adde Wuddaallaat TOI dabalatee dhaabbilee addaddaa keessa sadarkaa hojii addaddaarra hojjechuushee miiltoowwan hojii ishee nidubbatu.

Tajaajilli oduu Itiyoophiyaa du’a adde Wuddaallaat Ayyenewutti gadduusaa ibsaa, maatii fi firoottan isheef jajjabina nihawwa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015