Tarkaanfii raayyaan ittisaa godina Wallagga Bahaatti fudhateen meeshaan hedduun garee shororkeessaarraa booji’amuun ibsame

236

Ebla 17/2016(TOI)-Godina Wallagga Bahaa aanaa Sibuu Siree iddoowwan agaloo Talamaa fi Komssaa akkasumas godinichatti aanaa Waayyuu Tuqaa bakka addaa makkoo jedhamanitti duula guyyootaaf taasifameen  garee shororkeessaarra miidhaan namaa fi meeshaa qaqqabuunsaa ajajaan kutaa waraanaa ajaja jiddugaleessaa koloneel Abbaayneh Asmaamaawu ibsan.

Koloneel Abbaayneh akka ibsanitti, yeroo ammaa gareen shororkeessaa rukuttaa raayyaa jala dhaabachuu dadhabee  kaan du’ee kaan madaa’uurra darbee booji’amaa kan jiru yoo ta’u hidhattoonni Shanee 17 ajjeefamaniiru.

Kilaashiin 19, Matirayyasiin 01 fi rasaasonni hedduun raayyaa kutaa waraanaa harka galuu odeeffannoon raayyaa ittisaarraa argame ni’eera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015