Oromiyaatti hojiiwwan naannawwaa gammoojjitti hojjetaman jireenya hawaasa horsiise bulaa fooyyeessa jiru.

59

Ebla, 16/2016 (TOI) - Naannoo Oromiyaatti hojiiwwan naannawwaa gammoojjitti hojjetaman jireenya hawaasa horsiise bulaa fooyyeessa jiraachuu Biiroon Misooma Jallisii fi Horsiise bulaa beeksise.

Hoggantoonni dhaabbilee miidiyaa fi  ogeeyyiin miidiyaa qindeesummaa Biiroo Kominikeeshinii naannichaan naannichaa godina Booranaatti hojii misooma jiruu fi jireenya horsiise bulaa fooyyeessuuf hojjetama jiran daawwataniiru.

Daawwanna kanarratti itti aanaan hoogganaa Biiroo  Misooma Jallisi fi horsiise bulaa injinaar Alamuu Raggaasaa naannicha naannawwaa gammoojjiitti hojiiwwan misooma jiruu fi jireenya hawaasaa fooyyessuu danda'an hedduun hojjetama jiru.

Jiruu Horsiise bulaa fooyyeessuuf naannichaatti pirojeektii Finnaaa jedhaman birrii biliyoona 25 naannawwaa gammoojjitti hojjetama hojjetama jiru jedhaniiru.

Pirojeektoonni kunneen misooma qonnaa akkasuma nyaata beelladaa haala kan mijeessan ta'uus himaniiru.

 Pirojeektota kanneen keessaa 15 godina Booranatti kan argaman hidha xiqqaa aanaa Eelwayyeetti hojjetama jiru daawwatameera.

Pirojeektota godinichatti hojjetama jiran keessaa 11 hojiin isaanii kan xumurame yoo ta'u kanneen hafan 4 immoo hanga ji'a Waxabajjii dhufuutti kan xumuraman ta'uu beeksisaniiru.

Pirojeektoonni kunneen misoo.a jallisii, bishaan dhugaatii, horsiisa qurxummii fi turizimiif kan oolan ta'uu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015